Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ummatni Oromoo Godina Harargee Lixaatti  dhaaba jalee Wayyaanee OPDOf maallaqa akka kennu dirqamaa jira.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bito,9,2009) Ummata Oromo waan nyaatu dhabee beelaan harca’aa jiru dabballootni Wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessa naanna’uun OPDOf maallaqa kennaa jedhanii gidirsaa jiru jechuun maddeen keenya ifa godhan.

Maallaqni humnaan ummata irraa fuudhamee dhaaba jalee wayyaanee OPDOf akka kennamu taasifamaa jiru kun Onoota hunda, magaalaa fi baadiyaa mara keessatti kan geggeeffamaa jiru oggaa ta’u, jiraattotni baadiyaa qarshii 10-50, warri magaalaa ammoo qarshii 100-500 akka kennan irratti murtaa’e.

Namootni maallaqa gaafataman kennuu hanqatanii fi warri baasuu dide ABO dha jedhamanii doorsifamaa fi gara mana hidhaatti darbamaa jiru jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.

Gama biraan Onoota Mi’eessoo fi Doobbaa keessaa hawaasa tiyfatee bulaa irraa meeshaa humnaan hiikaa akka jiran maddeen keenya hubachiisan. Ummatni kun waan ofii fi beeyladoota isaa eeggatuun hin qaban kan jedhe oduun kun, meeshaa ofii hiikkachuun of ajjeesuu irraa adda waan hin taaneef, ummatni akka hidhannoo isaa hin hiikkanne sabboontotni Oromoo dhaamuu isaanii illee addeesseera.

********

Mootummaan wayyaanee baqattoota Oromoo ukkaamsee dhabamsiisaa fi ajjeesaa akka jiru gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bito,9,2009)MOA akka hubachiisanitti mootummaan wayyaanee goolessitoota isaa biyyoota ollaa akka Somalilanditti bobbaasuun baqattoota Oromoo sirna isaa jalaa dheessan ukkaamsee dhabamsiisuu fi ajjeessuu itti fufee jira.

Goolessitootni wayyaanee ji’oota muraasa dura baqataa Oromoo UNHCRn beekamee Somaliland jiraatu abbaa ilmaan 11 ta’e  Mohaammad Ahmed jedhamu ukkaamsuun biyyatti erga fudhataniin booda, haga ammaa eessa akka buusan kan hin baramin jiru ta’uun gabaafameera.

Kana malees, baqataa Oromoo UNHCRn beekamuu lakkoobsi waraqaa baqattummaa isaa B051123962 ta’e Ahmed Siraaj Mohaammad jedhamu Gurraandhala 22,2009 Somaliland irraa goolessitootni wayyaanee ukkaamsuun erga ajjeesaniin booda reeffi isaa magaalaa Waacilleetti akka argame maddeen keenya mirkaneessaniiru.

Obbo Ahmed Siraaj Dhiha Harargee magaalaa Hirnaatti kan dhalatan oggaa ta’u abbaa maatii ta’uunis barameera.

Mootummaan goolessituu wayyaanee goolessitoota isaa biyyoota ollaatti bobbaasuun baqattoota Oromoo sirna cunqursaa isaa jalaa dheessan seera baqattootaa kan idil addunyaa cabsuun ukkaamsee gara biyyaa deebisuun akka dhabamsiisuu fi ajjeesu beekamaa dha.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net